SEENAA JIREENYAA 

Seenaa Haji Abdulqaadir Abbaa Fiixaa kaasuun dura dhala Oromoo keessatti hiddi eenyummaa isaa eessaa akka ka’u beekuun barbaachisaadha.Gaafa Oromoon jaarraa kudha jahaffaa keessa sochii baballina godhee sana Orommoon Maccaa gara Naannoo jimmaa dhufuun mootummoota naannoo shanan  gibe hunddeessuun dura naannoo Odaa Ullee qubatan keessaa gosti tokko Arsuu jedhamuun beekama. Gosti Oromoo kun yeroo ammaas godina jimmaa Aanaalee hedduu keessatti kan argamu ta’us,Aanaa Asandaaboo kan yroo Ammaa Aanaa Omoo naaddaa jedhamu keessaa bakka Odaa Ullee itti argamutti  gandi Ullee beeyyam jedhamuun beekamtu har’as seenaa goonfattee argamti.Gosti oromoo Arsuu jedhamus har’as bu’uurri isaa achitti argama.Mootummaa shanan gibee  bifa ammayyaan ijaaruuf  jecha Oromoonni sirna gadaan bulanu akka dhaabanuuf dirqama itti ita’uun,gadaan oromoo Aangoo sirna gadaan wolbulchu gosa oromoo badii jedhamu harka erga tureen booda bara aangoon gosa Arsuutti dabarfatu keessa erga Arsuun barcuma Abbaa gadaa fuudhee bulchuuf otuu hin Angain sirni gadaa cabee mootummaan shanan gibe hundaa’e. Barcumni Abbaa Gadaa gaafa sana Arsuun fuudhee dhokse.Har’as Aanuma Armaan olitti tuqame keessa Harka maanguddoo Arsuu qabatamaan jira.Yeroodhuma Oromoon babalifannaa itti fufe keessa Damee gosa Arsuu jedhamurraa kan wol hore gosti Girgisii jedhamu Aanolee Gommaa,Limmuu.Saxxammaafi kanneen birootti tamsa’ee.Kanneen gosa Girgisii jedhamu keessaa Aanaa Saxxammaa naannoo ganda Sadduu jedhamu qubatanii ergantanaa wolqooduun kaan yeroo achitti hafu kaan ammo Aanuma Saxxammaa ta’ee ganda yeroo Ammaa Daapparaa jedhamuun beekamu keessatti qarqara laga sudumaa jedhamuufi Aanaa Geeraatiin wol daangessuuf giddu gala gandattii gidduutti lafa bal’aa argamu qabatee qubachuun jireenya isaa Eegale.

Gosa Girgisii jedhamu kana keessaa akaakayyoonni hedduun argamanus Abbba Ganuu kan jedhamanu ijoollee afurtama qabu turanii. Abban Haji Abdulqaadir Abbaa fiixaas afurtamman keessaa tokko yoo ta’anuu maqaan dhaloota isaanii Tuulaa ture. Haata’u malee booda sababa amantaa islaamaa fudhataniif Muusaa maqaan jedhamu kenname.Miidhagina bifa isaaniifi dheerinaafi lallaafina mataa isaanii ,ilkaan kaarrrufi kokkolfaa,hundaan wolii galu,akkasumas goota waan turaniif maqaan isaanii Gaammee Muusaa jedhamuun osoo waamamanuu waan abbaan isaanii du’aniif mana obboleessa isaanii hangafaaatti osoo guddachaa jiranuu worri obboleessa isaanii isa hangafaa ergaa itti baayyisuun waan gidirteef kophaa ofii fincilanii baduun godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Goree qubatanii .Yerochi yeroo mootummaan Haylesillaasee mootuummaa weerara Xaaliyaanii wojjin qabsoo godhu waan tureef gootota Oromoo kanneen biroo wojjin hidhachuun meeshaa matarrayyasii jedhamu hidhatanii bilisummaa biyyaafi sabaatiif Aarsaa woggoota hedduuf kaffalaniin booda yeroo mootummaan Haylesillaaseee mootummaa Ingiliziin deegaramu dhufus ,lammii ofii woliin dhaaba black lion  jedhamiuu wojjin ta’uun birmadummaa biyaatiif gahee guddaa gumaachuun Alagaa biyyaa baasani.Yeroo kana keessa magaalaa Goreetti buufata xiyyaaraa ture keessatti xiyyaaraan gara giddu galeessa biyyaattii loltummaan akka socha’aa turan erga biyyatti deebi’anii firaafi Orma hundatti himan.Erga biiyyi bilisoomees mootummaan nafxenyaa eddoo waan hin kennineefiif fira ofii wollaalanii maagaaluma Goreeetti hafanii osoo jiranii obbolaan isaanii miilaan guyyaa heddu adeemanii barbaaduun sossobanii ganda dhaloota isaanii Daapparaatti deebisan.

Gaammeen Muusaa yeroo biyyatti deebi’an haala loltummaa malee haala qonnaan bulaa hinbeekan turan.Yeroo kana akka isaan tasgabba’anii taa’uun firatti deebi’anii madaqanii ta’anuuf ,Haadha manaa lama wol duraa duubaan fuusisan.Haati Haji Abdulqaadir Abbaa Fiixaa ykn Gaammee Muusaa Aaade Shifaa Abbaa malkaa kan jedhamanu gosa basaallee naannoo Gaattaa jedhamu irraa kan fuudhaman yemmuu ta’u ilma hangafaa Imaam muusaa jedhamu haadha worraa hangafaa irraa argatan.Osoo umuriin jara lachuu woggaa shan hin geenyee gootni umurii guutuu biiyyaaf dhiige osoo mana ijaaruuf yaalanii muka hawaa irraa gadi itti bu’ee akkamalee miidheen lubbuun isaanii dabarte.Haji Abdulqaadir Abbaa fiixaas carraa yatiimummaa isa qaqqabeen harka Abbaa Garoo Abbaa ganuutti guddate.Haati haji Abdulqaadir Abbaa Fiixaas Abbaa garoo abbaa ganuutiin dhaalamanii ilma Shariif Abba Garoo jedhamu argachuun lamaanuu guddisan .Haji Abdulqaadiris hiyyummaafi abbaa dhabdummaan osoo gidiruu qabsoo jireenya mo’achuu wolirraa hin cinnee gageessuun qotee bulaa cimaafi abba qabeenyaa maqa qabeessa ta’uun yeroo umuriin isaa gaa’ilaaf ga’etti   Anbaruu  Hajii Ahimad kan jedhamanu gosa Oromoo Sagoo jedhamu irraa fuchuun bultii ijaaree ilmaan horachuu eegale.Barumsa idilee barachuu baatus barumsa amantaafi baruumsa bu’uuraa barachun nama dubbisuufi barreessuu danda’u  ta’uun sheek Abdulqaadir Abbaa Fiixaa jedhamuun beekamtiifi kabaja ummata keessatti goonfachaa dhufuu bira darbee bara 1976 akka lakkoofsa abashaatti biyya sa’uudi arabiyaa deemuun akka seera amantiitin Hajjii gochuun Haji Abdulqaadir Abbaafiixaa ykn Muusaa jedhame.

Akka yaadannoo seenaafi hidhata  Oromummaaf tolu Akaakayyotaaf Abaabileen Haji Abdulqaadir Abbafiixaa ;-

Haji Abdulqaadir Abba fiixaa –Abba Ganuu/Soophiraa – Jagan – Maccaa – Gibe – Amoo –Beeyyam – Maayaa – Girgis –Odaa Aabbuu –Eeraa jedhaa itti fufee lakka’ama.

Haji Abdulqaadir onnee gootummaaf bilisummaa sabaaf gootummaa qabatee hiyyummaafi beekamtii kabaja ummata keessatti goonfatus qabsoo farra wollaalummaa fi gabrummaa galmaan ga’uun kan danda’amu barnoota idilee barachuuf doofummaa dhabamsiisuun akka ta’e hubachuu qofa osoo hintaanee qabsoo farra doofummaaf gabrummaa gaaftokko karaa ilmaan ofiitiin akka mo’atu /injifatu kaayyeffatee hojii eegale.Haaluma kanaan ilmaan argatee barnoota idileefi amantiif qopheessuu eegale.ilmaan isaas;- 

  • Badiruu Abdulqaadir 
  • Mohamed saanii Abdulqaadir 
  • Kaamil Abdulqaadir 
  • Kaalid Abdulqaadir
  • Kanzillaahii Abdulqaadir
  • Ajiibuu Abdulqaadir 
  • Abdulbaari Abdulqaadir 
  • Keeruddiin Abdulqaadir 
  • Daraartuu Abdulqaadir 
  • Misiraa Abdul qaadir   wolduraa duubaan aadde Anbaruu haji Ahimed irraa Argachuun barsiisuu wolduraa duubaan eegale.

Yeroo sanatti  ilmaan isaa keessaa Badiruu Abdulqaadirii, Mohamed saanii Abdulqaadir fi kaamil Abdulqaadir barumsa sadarkaa tokkoffaa itti eegalan bara 1975,1977,1979 wolduraa duubaan yemmuu ta’u ,yeroo kanatti umuriinisaanii woggaa torba ta’ee barnoota qur’aanaa erga xumuranii booda.Kunis yeroo sanatti barumsa idilee irratti hubannoo cimsuufi akka amantii ofii cunqursaa Dargiitiin hin jijjiirree yaaduun ture.

Cunqursaan mootummaa Dargii ummata oromoofi dhala Oromoo akka hin baranne godhu keessoon mormaafi aduu bilisummaa karaa beekumsa ilmaan isaatiin argamuutiif qabsoo cimaa gaggeessa . Ilma hangafa hanga kutaa 11ffaa ,kanitti Anu hanga kutaa 8ffaa ,isa sadaffaa hanga kutaa shanafffaa yeroo barachaa jiranitti mootummaan dargii seera/labsii  bakka lamatti qabeenya horachuun akka hin dandaa’amne baasuun maqaaa lafa gibira isaa gara haadha isaatti naannessuun giddu galeessa Aanichaa kan taate magaalaa Gaattiraaatti mana jireenyaafi daladalaa bituun hojii daldala shaqaxaa fi huccuu eegaluun Aadde Badiriyyaa Abbaa Goojjam fuudhe. Achumatti ilmaan lama keeruddiiniif Misiraa irraa argate.Yeroon mootummaan cunqursaan dargii kufu Badiruun kutaa 11ffaatti mohamedsaaniin kutaa 8ffaaati kaamil kutaa 5ffaatti addan kutuun otuu maatii gargaaruu irra jiranii qabsoon ummata Oromoo beekamaa dhufe.Yeroo kanatti akka ilmaan isaa qabsoo hidhannootti barumsa dhiisaanii  hin makamneef osoo cinqamuu Badruuf suuqii bane akka hojjatu gochuun ofii isaatiif baadiyyaati hojii isaa itti fufe. Kun etuu akkanaan jiruu Badiruu Abdulqaadir qabsoo ummata oromoo hubachaa yeroo dhufu, Doorsisaan kaadiree woyyaanee  eegale.Yeroo haali sodaachisaa dhufu badiruun biyya Suudii Arabiyaa dhaqee barumsa amantii akka itti fufuuf ergamus nama itti gaafatamummaan mallatteessuuf dhabuun osoo haariin jiruu qabamee Ethiopiatti deebifame.Onneen qabsoo isaaf diddaa farra gabrummaafi wollaalummaa irraa mullataa waan dhufef akka magaalaa Gaatiraatii hinbane dhorkee ,ofii  hojii itti fufuun,mohamedsaaniin barumsa amantaatiif gara Godina Arsii ,Baaleefi Harargeetti erge.Bara 1984 tti yeroo woraanni bilisummaa Oromoo fi IFLO dhaabileen biroo qabsoo cimaa gaggeessanuuf meeshaan  harka namoota hedduu jiru ture.

Bara 1983-84 tti haalli Aanaa Saxxammaafi Sigimoo  keessa ture,gara tokkoon yeroo sabboonummaan ummatichaa sadarkaa olaanaatti olka’eefi onneen diddaa gabrummaa ummatichaa garmalee itti dagaage ta’uu isaa caalayyuu meeshaan woraanaa loltoota mootummaa gabroomsaa dargii irraa bitame mana nama hundaa galee waan jiruuf ummaani dhaabilee siyaasaa yeroo sanatti socho’aa turan keessaa Adda  bilisummaa Oromoo jala hiriiruun qabsoo isaa eegale.Haji Abdulqaadir Abbaa Fiixaas yeroo sanatti keesso isaatti qabsoo hidhannoo caalaa qabsoo bilisummaa beekumsaan argamutti waan cimsee amanuuf koree nageenyaa fi tasgabbii ta’ee mootummaa woyyaanee OPDO’n dursamuun filatamus,ani Aangoo keessan hin barbaadu ilmaan koon barsiifadha jedhee didee osoo taa’uu kaadiroota woyyaaneen doorsifamuu eegale.Haaluma kanaan  etuu ofiifis ilma isaa hangafaaf maagaaluma Gaattiraa qofaa osoo hin baanee akka of ittisanii ta’an dirqaman.keessattuu Badiruu Abdulqaadir yaada Abbaa isaa faallesuun isatti cimee daangeffamee taa’us maqaan isaa adda bilisummaa Oromootiin wolqabsifamee ka’uu bira darbee  Abbaan isaas maqaa ilmaafi shakkii abbaa irraa qabanuu ida’anii ofeeggannoo itti kennuu eegalani.Yeroo kanatti loltuun ummaticha keessaa fedhii ofiin wol ijaaree mootummaa woyyaanee ofirraa qolachuuf qophaa’e woliin meeshaa isaa hidhatee adeemsa sa’aatii lamaa olta’u miilaan deemuun qarqara hallayya Futeetti hidhattootni woyyaanee magaalaa Aanichaa akka hin seenne halkan guutuu woraanaa bulanus qabsoon ummatichaa kan karoora mala ammayyawaan waan hogganamaa hin turreef karaa biraatiin magaalaa Gaattiraa galuun woyyaanee hin oolle.Yeroo kanatti dhokataan mana ofitti deebi’ee riphee osoo ta’uutti jiruu, gareen raayyaa woyyaanee kan biroo magaalaa galuun loltuu ABO riphanii jiran woliiin dhukaasa wolitti banuun woraanni eegalame. Yeroo kana Haji Abdulqaadir Abbaa fiixaas humna woyyaanotaa balabala mana isaafi naannoo sana irratti woraana banee ajajaa oolaanaa woraana TPLF tokko balbala manaatti itti dhukaasuun erga ajjjeesee booda woraanni adeemsifamaa bule gareen lamaan irraa kan du’e sassaabamee erga ka’een booda magaalattii yeroofis ta’u humni woyyaanee to’ate.Ajajaa jaraa karra mana Haji Abdulqaadir irratti ajjeefameef garmalee gubatanii yeroo halkan sa’aatii sagal irratti woraana gaggeessinu mana isaa keessa dhukaasaaf yeroo inni bahu dungoo argineerra jechuun akka to’atamee qoratamu qofa osoo hintaanee meeshaan dhuka’ee bule waan beekamuuf meeshaa kee fidi jechuun to’annoo jala oolchanus meeshaa dhuka’aa bule fageessee dhoksuun meeshaa kan ittiin hin lolamne itti dhiyeessee gowwoomsuun bilisa bahe.Qabsoo hidhannoo halkan gaafasii gaggeeffameen qabsaa’onni Oromoo lubbuun isaanii darbe hidhattoota woyyaaneetiin lafarra harkifamanii boolloo sareen marziin ajjeefamte hedduun itti hawwaalamtu mana barumsaa gaattiraa sadarkaa tokkoffaaf giddu galeessa lammaffa fuulduratti argamutti woyyaanotaan saree woliin hawwaalaman.Gochi farra namummaa woyyaanotaa kun qabsoo ummmatichaa Aanaa lamaanuu keessatti daran itti cimsee qabsaa’onni hedduun woreegamanus doorsisaafi shakkiin kaadiroota woyyaanee odeeffannon gantoota Haji Abdulqaadir Abbaa fiixaafi ilma isaa irratti kennamu daran hammaataa dhufe.Yeroo addaa addaa Haji Abdulqaadiriin hidhanii qorachuufi dararaa irraan gahuun itti fufus ilmaan isaa keessaa kan yeroo sanatti umuriin isaanii gahe Badirruufi Mohamedsaanii qofa waan tureef ilmi lammaffaan (Mohamedsaanii) yeroo kanatti barumsa idilee dhaabuun yeroof barumsa amantii duraanuu biyyaati eegale barachuuf gara godina Arsii baalee tti waan imalee jiruuf qabsoon akka maatiitti diddaa sirna gabrummaa irratti gaggeefamu bakka lamatti qoodame.Ilmi lammaaffaa fi ijoolleen hafan wolduraa duubaan qabsoo beekumsa irraatti godhamuu dukkana keessaattis ta’u itti fufani.Haaluma kanaan qabssoon kallaattii hundaa osoo itti fufee jiruu dhuma bara 1986 keessa sababa hin beekamneen Haji Abdulqaadir Abbaa fiixaa humna tika woyyaanotaan mana hidhaa magaalaa gaattiraatti argamutti baatii tokkoof darbamanii . Yeroo kanattii qabeenyiifi hojiin daldalaa magaalaa Gaattiraatiif ganda Daapparaatti argamu manca’uu eegale. Badiruun yeroo dheeraaf osoo qabsoo hidhannoo farra diddaa gabrummaafi laf-jala qophii sammuu godhaa turee Abbaa isaa sababa hin beekamneen mana hidhaatti darbame baraaruuf xalayaa iyyaannoo dhimma hidhaa abbaaa isaa ibsu qabachuun giddu gala Aanolee lamaanii kan turte magaalaa Mattuuutti imaluun iyyatee dhiimmi Haji Abdulqaadir amma ragaan itti hin dhiyaaaneefi hin imatamnetti akka gadi dhiiftanu kan jedhu xalayaa ajajaa qabatee Aanichatti fidus yeroof Haji Abdulqaadiriin gadi dhiisanii jennaan guyyaa tokko booda gara ganda Daapparaaatti ilmaaniifi haadha ilmaan isaa dubbisuuf qonnaafi horii achitti argamu ilaaluuf gara sana imale. Yeroon kun yeroo dararaan gooticha irratti haggamame daran cimaa dhufe ta’us yeroo kamiin caalayyuu Badiruun qabsoof laf-jalee qophaa’aa obsaan turus Abban isaa gadi dhiifamee jedhamee woyita baadiyya gahu loltoota OPDO Aanaa Geeraatti argamutti magananyaa dhaan bilbiluun akka Haji Abdulqaadiriin qabanii Aanaa Geerraatti hidhanu ajaajni darbe.Kaadiroonni Tigireefi OPDO Aanaa geeraas keessumattuu Huseen Abbaa Goojjamiifi Cherinnat Zalaalam kan jedhamanu magaalaa Ciiraa irraa ka’uun halkan sa’aatii jahatti mana haji Abdulqaadir kan ganda Daapparaa keessatti argamu qaqqabanii humnaan manni akka irraaa banamu dirqamsiisanii haadha manaafi ijoollee isaa lakkofsa sadaffaa  hanga torbaffaa jiranuu woliin erga reebanii booda halkanuma sana Haji Abdulqaadiriin manaa fuudhanii gara magaalaa Ciiraa miilaan adeemsisanii reebichaan kabaja isaa xinneessaa mana hidhaatti darbani.Yeroo kanatti Haati worraa isaa magaalaa Gaattiraa turte ilmaan lamaa woliin doorsifamtee gara bakka abbaan manaa ishii itti hidhametti siqxee achitti maatii kaanii wooliin hiiksisuuf dhamaatus yeroon abbaan isaa baadiyyaa maatii bira dhaqee qabamuu dhaga’u ilmi isaa Badiruun obsi isaa waan dhumateef meeshaa argate fudhatee hiriyoota isaa woliin bosona seenee qabsoo hidhannoo eegale .Yeroo kanatti Haji Abdulqaadir ilmi kee bosona seene jechuun ji’oota sadiif erga mana hidhaatti gidiraa turanii booda muddee 19/1987 humna woyyaanota birootiin gara Aanaa Sigimootti dabrsani.Sababni jalqaba Aanaa geeraa geessaniif humnootni Geeraa irraa akka dhufanii qaban godhaman keessaa Huseen Abbaa goojjamiifi Cherinnat kan jedhaman lamaan yeroo sanaan duratti ilma obboleessa haji Abdulqaadir kan ta’e Raayyaa Imaam rasaasaan waaan hajjeesanii turaniif Haji Abdulqaadiriifi Ilmi isaanii Badiruun gumaa isaan bahachuuf akka qopha’aa jiranu Xayyiib Abbaa cabsaa kan jedhamu odeeffaanoo waan kenneefiidha.Akka Badiruufi Hiriyoonni isaa qabsoo hidhannoo dhaabanii harka kennanu gochuuf reebichaan gidiruun haadha worraa isaafi ijoollee daa’imman baadiyyaa jiranu itti fufuus Badiruun guyyaa tokko ganda Daapparaa Mana haadha isaa hiriyoota isaa woliin bule halkanuma sana Imaam Abbaa fiixaa dabalatee namoota meeshaa manaa qabaniifi qabsoo gaggeeffamu morman 40 ta’an irraa meeshaa hiiksisuun humna cimsatee qabsoo tti yeroo deebi’u woyyaaanonni Aadde Anbaruu Haji Ahimed fi Kaamil Abdulqaadir qabanii giddu galeessa gandichaatti hidhuun ajjeesuuf erga wolii galanii booda ummataa mariisisaafi doorsisaa oolanii nama Bitimaa Kabbadaa jedhamu biraa irbaataafi dhugaatii affeeramuu qofa osoo hin taanee intala bitimaa kaadhimachuuf qubeelaa kaawwachuuf woyyaanonni achitti wolgahanii. Yeroo kanatti haati bultii Haji Abdulqaadiriifi Kamil Abdulqaadir ajjeefamuuf mana dukkana keessatti rasaasa qofa eeggatuu.Murteen rabbii kan biraa waan tureef Badiruufi qabsaa’onni biro dhiyeenyatti waan hordofaa turaniif ergamtoota wooyyaanee mana Bitimaa keessaati affeeraman hunda isaanii Bitimaafi intala isaa dabalate irbaata rasaasaa godhani.Haalli kun Haji Abdulqaadir Abbaa fiixa irraatti gidiraafi reebichi akka jabaatu taasisuu irra darbee yeroo inni itti Anaa G eeraa irraa gara Aanaa Sigimootti itti naannefame ture.kunis jalqaba bitootessa bara 1987 tti yemmuu ta’u yeroo naannessuuf adeemanutti mana jireenyaa isaa ganda Daapparaati argamutti goree ilmaan isaa argee akka dabarfatu gaafatus ergamtootni woyyaaneee ala dhaabbatee qofa ilmaan isaa dubbisee akka dabarfatu eeyyaman.Ilmaan isaa dubraaa lamaan maqaan isaanii armaan olitti tuqame mataa jaraa qabuun ani duuti koo qurxiidha carraa keessanitti gaddus hanga mohaamedsaaniin jirutti maqaan koo hin du’uu jedhee. Woyituma sana gara Aanaa Sigimootti dabarfame.jechi isaa kun sababni isaa 1ffaa, Gootichi ija diimaa Badiruun ijifannoo ykn du’aan malee akka harka hinkennine hubachuun fi yeroo sanatti kan sababa barumsaaf biyyaa bahee jiru Mohaamedsaanii waan ta’eefi.2ffaa ,ilmaan jiranu yeroo sanatti daa’imman waan turaniifi 3ffaa kanneen of baranis ta’ee haati worraa isaa hangafti balaa maattii irraatti aggaamame jalaa hafu jedhee waan yaade fi.Jalqaba bitootessa bara 1987tti mana hidhaa Aanaa Sigimootti galchuun reebicha eegalanus gootichi ejjannoo isaa hin jijjiirre.Haati worraa isaa hangafti fi ijoolleen korratan deddeebi’anii gala geessanii gaafachuuf woyyaanonni eeyyamuu diduun haadha Goota ija diimaa Adde anbaruu haji Ahimediin gadameessa ishii jalqaba goota baachuun daha jalqabe marattee ilma isii 3ffaa Kaamil Abdulqaadir woliin mana hidhaatti naqani.Bitooteessa 05/1987 tti halkan garmalee reebichaa, agabuufi dheebuun lubbuun isaa bahuuf akka jala geessee turte hidhamytoota irraa booda dhagahamus bitootessa 06/1987 guyyaa yeroo gaafatamu akka hin jirreefi lubbuun isaa darbuu akka hin oolle himanus ajjeesanni reenfa isaallee arguunis ta’ee gaafachuun hin danda’amnee.Adde Anbaruuniifi Kaamilis erga abbaa irraa galaafatanii booda himata shiftaa qallabdanii jedhu irratti dhiyeessuun mana murtii olaanaa godina jimmaatti dabarfamani.Kun hundi woyyaanotaan godhamus qabsoo ummatichaafi qabsaa’oota akka Badiruu boodatti hin deebifne.Yeroo kanatti Badiruun naannoo Gaatta jedhamutti qabsoo’ota birootii woliin diina ajjeesuufi du’uun itti fufee. Woyyaanonni qabsoo ummatichaa duubatti deebisuuf maaatii qabsaa’otaa biraa hedduu manaa fuudhanii ajjeesuu yeroo eegalanitti gareen hidhattootaa Badiruu woliin qaabsaa’u gara Aanaa Saxxammaa ganda Dooneefi Sallaakkoo jedhamutti naannahuun gara kuteenyaan qabsaa’uun lubbuun Badiruu achitti dabarte jedhamee shakkama. Awwalcha isaa garuu arguun hin danda’amnee.Erga lubbuun jara lamaanii darbuun shakkamee maatii isaa keessaa worri of beeku mana hidhaa woyyaanotaa waan jiraniif maatiin baadiyyaafi magaalaa jiratuufi qabeenyi bakkeetti hafuun manca’uu eegale.Dhuma bara 1988 tti Mohaamedsaaniin woyita maatii arguuf dhufu  lubbuun maatii isaafi qabeenyi barbadaa’uun garmalee gaddisiisus,tarii mana hidhaa fagootti dabarsan shakkii jedhuun mana murtii olaanaa godina Jimmaatti hidhaa seeraan ala abbaa isaa irraati qaqqabeef hidhattota woyyaanee himatee yeroo deebi’utti shiftaa kan birootu bosonaa hodhannoo woliin dhufee jechuun ergamtootni woyyaanee qabanii ji’a tokkoof mana hidhaa Aanaa Sigimootti darbani.Woyita achii bahus doorsisaa fi sochii isaa hordofuun waan hammaateef dhoksaan manneen hidhaa woyyaanee gurguddoo biyyattii keessa jiru keessa hiyyaafatus abbaa isaa argachuu hin dandeenye.yeroo kanatti carraan qabssoo hidhannoo waan laafee jiruuf ilmaaniifi bultii baadiyyaafi magalaa bakkeetti hafee tasgabeessuun dirqama waan tureef ijoollee hafaniifi Aadde Anbaruu woliin ejjannoofi yaada tokkoon qabsoo dame lammaffaa isa doofummaa balleessuun gabrummaa hambisuu irratti fuullefate itti fufsiisuuf murteessun ijoolleen hundi barnotatti akka deebi’an taasifame.

Haati goota hundaa Aadde Anbaruun hanga gaafa an sadarkaa qoccoo namaaf duuguu bira qaqqabutti hundumtuu barachuu qaba jechuun kallaatii hundaan maatichi qabsoo farra doofummaa eegale.Waadaan woliif galame hunduu akka baratu qofa osoo hintaanee hunduu qabxii olaanaa fiduun University akka galu ture.Yeroo kanatti Mohaamedsaaniin beekumsa Amantii islaamaa keessaatti barateef quraana haaffazuun waan dhufeef imaama masgiida Gaatiraa ta’uun salaachisaa ummata onneen isaa du’a abbaafi obboleeysaan miidhame biratti fudhatama guddaa argatee barumsaanis maatii ofii woliin xiiqiin qabxii olaanaa wolduraa duubaan galmeessisiisuu eegalan. Dhuma bara 1993tti woyita mohamedsaaniin qabxii olaanaan yuunivarsitii galu seenaan haaraan galmaa’us Kaamil, kaalid,Abdulbaarii, keeruddiin,daraartuufi Misiraan hunduumtuu injifannoo olaanaan yuuniversity fi kolleejjii seenuun wolduraa boodaan seenaa ajaa’ibsiisa hojjatan.Kana keessaati ga’een haadha gootaa ,Aadde Anbaruu Haji Ahimed baaayee olaanaa waan tureef ummaticha bira darbee Aangawoonni woyyaanee osoo hin jaallatin goota misoomaafi barnootaan fakkeenya taatu jedhanii filachuun bara 2000 magaala Adaamaatti medaaliyaa worqii badhaasan.Woyita Ilmaan haji Abdulqaadir Abbaafiixaa Milkaaina kahumsaaf ta’u gara barumsaan argachuu eegalan kanatti woyyaanonni dirqamanii haa badhaasan malee dhiibbaa addaa addaa gochuuf akka isaaniif tolu dhaaba isaanii gantuutti dirqamaan makuun hojii eegalsiisanii sadarkaa hoogansa Aanaafi godinaa irra ka’uun akka kaayyoon isaaniifi hojjatan yaalanus dhala Haji Abdulqaadiriif sirnichi summii ta’aa dhufe.Dhiibbaa fi woldiddaan yeroo lammataa dhufu maatiin qabeenya isaa hunda barnootaaf oolche rakkoo diinagdee keessa waan galeef hanga danda’e isaaniif  hojjachaa turus keessumattuu mohamedsaaniin hanga hojiirraa ariyanii fudhatama inni qabu irraatti duuluun yeroo ammaa maatii isaan addaan baasanii gidiraa cimaa keessaati argamuu isaatiin kanka’e qabsoon farra iiyyummaa ,doofummaa itti fufus haamileen haadha afi obboleewwan isaa akkasumas ilmaan isaa garmalee miidhamus bara tokko aduun bilisummaa ni baati yaada jedhuun qabsoofi jireenyi itti fufuus maatichi akka wolii galaattis rakkoo diinagdee hamaaf dhiibbaa gidiraa woyyaanee jalaa bahuu dadhabus abdii osoo hin kutatin jira.qabsoon armaan olitti maatii Haji Abdulqadir irraati xiyyeefate kun qaama qabsoo ummata oromoo wolii galaafi ummata Guumaa yookiin Aanolee Saxxammaafi Sigimoo kan bara mootii minilik irraa kaasee eegalameen wolqabsiifamee ilaalamuun galmaa’us qaba yaada jedhuun barreefama gabaabaa kana yeroo qopheessinu qabsoo eegalle biyyaa keessafi alatti itti fufsiisuuf qaamni nu deeggaruu danda’u yoo jiraate harka dhungannee kan fudhannu ta’uu ibsuu barbaanna.

  • Seenaan kun kan barreefameef fedhii nama dhuunfaa kamiifuu akka oolu osoo hin taanee Aarsaa lammiin tokko qabsoo ummata oromoo keessatti kaffale yaadachisuun galmee seenaa irratti akka galmaaaa’uuf jecha.
  • Wabiin seenaa kanas
  • Anuma Roorrisaa Ruufooti.

Barresse Qindesse kan dhiyesse 

Hawwii Bayesso Ruufoo (Roorrisaa Ruufoo)

Gulalan sabaan boon firrisaa

 

1 thought on “SEENAA JIREENYAA  Seenaa Haji Abdulqaadir Abbaa Fiixaa: Barresse Qindesse kan dhiyesse  Hawwii Bayesso Ruufoo (Roorrisaa Ruufoo) Gulalan sabaan boon firrisaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.