Barreessitoota

JECHOOTA OROMOO BARBAACHISOO TOKKO TOKKO

JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO

 Liiban Bitimaa irraa

DURADUBBII

Namni martinuu waan afaan abbaa-haadha ofii (afaan dhaloota isaa) beekuuf, jechootaa fi sagaleewwan dassiiba-a (“common words”) irratti rakkoo hin qabu. Ammoo, sagaleewwan “jechoota ogeeyyii  (“technical terms”) jedhaman irratti hanqina jechootaa qabaachuu dandaya. Keessumaa namoonni afaanota akka Afaan Oromoo jechuun isaan reefu, afaan manneen barumsaa fi manneen hojii faa tahanii irratti gufuuwwan tokko tokko isa dura jiraachuutu mala. Kanallee afaanonni addunyaa sadaffaa keessatti argaman marti ni qabu. Kana jalaa bawuuf, namni sun jechoota afaan san keessatti yeroo yeroon maddaa jiran duukaa-bu’uu qaba. Barreeffanni amma isiniif dhiyaatu kun karaa kanaan hamma wayii isin gargaaruu dandayaa, mee duukaa-bu’aatii galmee keessan irratti feetan keessatti facaafaddhaa!

SEENSA
Afaan Oromoo keenya jechoota hedduu, kanneen akka galaana Abbayyaa waraabamanii, akka cirracha Awaash guuramanii hin dhumne qaba. Afaan kun guutumaa guutuutti afaan sooressa; afaan raajeffamaa dha. Ginni-bittee Habashaa afaan keenya akka ittiin hin barreeffamne, akka ittiin hin baratamne, akka ittiin hin hojjatamne faa waggaalee 130 ol seera baasee, seeraan dhoowwullee fiixaan bawuu hin dandeenye. Phapphaasonnii fi qeessonni fannoo qabatanii: maqaa abbaatiin, maqaa ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin magananillee (basima-aab, basima-waldi, basima manfas-qiddus gazzichaalahu!” jedhanillee) homaa hin milkoofne. Ani mataan kiyya bara dhibba kudha sagalii fi saddeettamootaa (“1980s”) keessa ennaan waa barreessuu jalqabeeyyu karaa jechoota dassiibaa rakkoon tokkollee hin turre. Garuu, sagaleewwan ammayyaa irratti waa itti-rakkachuun kiyya hin oolle. Kan nama gammachiisu afaan kun waggaalee 20 keessatti rakkoo jechoota ogeeyyii sanis irra-aanuun sagaleewwan daran baay’ee maddisiifatee argame. Amma akka oggaa sanaa: “ikonomii”, “darajaa”, “pirograamii”, “— maaloo, maaloo faa jechuun loqoduun hin jiru. Oromoonni afaanuma isaanii keessaayyi jechoota kana burqisiifatani. Amma: “sadarkaa, sagantaa, hayyuduree, haalduree, dinagdee, binaggee, malbultii, jalbultii, xindachee, xinjiree — faa jedheetoo Oromoon koo yommuu dubbatu, waan walaloo dubbisu natti fakkaata. Oromoon uummata dubbii dhugaatiif uumame yoon jedhe, mirkana irratti hundaawuuni malee, dubbii hoowwisuu (hoo’isuu) kiyyaa miti!
Mee amma kanaa gadittan akka waayeen kanaa olitti badhaadhina Afaan Oromoo kaase kana, akka sirriitti qalbeeffattaniif isuma beektan keessaa waa isiniif dhiyeessa. Afaan Oromoo goosii (“verb”) tokko irraa goosiiwwan biroo gara jahaa baafachuu dandaya. Mee as irratti jecha “hojjachuu” jedhamu haa fudhannu:
hojjachuu
hojjatamuu
hojjachiisuu
hojjatachuu
hojjachiifachuu
hohojjachuu
hohojjachiisuu — faa.
Isaan kanneen irraayyis jechoota danuu baafachuun seeruma afaan biyya Gadaa kanaati:
hojjaa > hojii
hojjataa – hojjattuu
hojjatamaa
hojjachiisaa – hojjachiiftuu
hojjachiisa
hojjatama
hojjachiifataa – hojjachiifattuu — faa.
Ani isa kanaa olii kana akkuma fakkeenya bicuu wayiittan isiniif dhiyeesse malee, afaan Oromootaa, afaan abbootii Gadaa fi afaan haadhotii Siiqqee kun guutumaa guutuutti afaan sooressaa fi dilbaayaa dha. Afaan keenya kun badhaadhummaan of badheessa callaa otoo hin taane, afaan bareeddina isaatiin rajeffatamuu fi afaan gurraa fi qalbiitti tolu. Akkuma Afaan Xaaaliyaan kan midhagina isaatiin baayee raajeffatamuu saniiti. Eeyyee, inni afaan nadhii dammaa ti! Afaan Waaqni nadhii dammaa godhee nu badhaase kana, nutis kan ammaa caalaa akka badhaadhuu fi akka guddatuuf alaa-manaa irratti hojjachuu fi ittiin-hojjachuu qabna! Ani ergan ishii tana jedhee, mee amma armaan gadittan jechoota hardhaaf kutaa kana jalatti galuu qaban tokkoo hamma dhigamii-shaniitti isiniif tarreessa!
JECHOOTA DIGDAMII-SHANAN HARDHAAF DHIYAATAN:
1) adaala               –     desert ( = humma)
2) addoo                –     mask
3) barruulee          –     journal
4) barkurnee         –     decade
5) bardhibbee        –    century
6) barkumee          –     millennium
7) beenyaa            –     compensation
8) biyyalafaa         –     world (= addunyaa)
9) dinagdee           –     economy; economics
10) haaalduree      –     precondition
11) hayyuduree     –     secretary general
12) gamoo             –     building
13) jaagee             –     dwarf (= guuyyee)
14) jajjabee           –     militant
15) jirroo               –     corner (= golee)
16) labata              –     generation (= dhaloota)
17) malbultii          –     politics (= taliiga, siyaasaa, polotikaa)
18) rakaa               –     institution (= dhaabbata)
19) ribee                –     nerve
20) roogessa*        –     activist
21) sadarkaa          –     stage (= gulantaa)
22) Sagantaa          –     programme
23) sheeba              –     sea-coast, sea-shore (= moggagarbaa)
24) xindachee         –     geology
25) xinjiree               –     biology
WABIIWWAN
Maddawwanin jechoota kanneen irraa argaddhe gaafan barreeffata kana guutumaa guuttuutti xumureen hundaa isaanii isiniif dhiyeessa. Garuu, ammaaf: a) Tamene Bitima; A Dectionary of Oromoo Technical Terms, Oromoo-English; Rüdiger Köppe, Köln 2000; Finfinnee 2000 waa keessaa ilaaluu dandeessu!
Barreeffatoota amma Afaan Oromootiin ifa argaa jiran garii isaanii keessatti, maqaan magaalaa Oromiyaa Bahaa tokko jallifamuun kitaabamee agartu. “Haroo Maayaa” jechuun warri barreessani kun “Hara Maayaa” jechuu isaanii ti. Oromoonni garri dhibbayyaa 90 (90%) jechoota “hara” jedhamuu fi isa “haroo” jedhamu sirriitti addaan-baafatanii dubbatu, barreessu. Jechoonni kun mataa ofii kan dandayan maqaalee garagaraa ti. “Hara” jechuun isa Afaan Ingiliziitiin “lake” jedhamu. “Haroo”-n garuu isa “pond, pool” jedhamu. Ani akkan qalbeeffaddhetti Oromoonni keenya kanneen Laga Gudar irraa gara lixaatti argaman, yaadundee lamaaninuu “haroo” jedhu. Maqaa “Hara Maayaa” jedhamu kana isa seenaa Oromoo keessa waggaalee 600 ol hulluuqee as gaye kana, nuti amma lafumaa kaanetoo wanni geeddarruuf massaan (sababni) tokkollee hin argamu. Kanaaf, adaraa Waaqaa mee “Hara Maayaa” jenneetuma haa barreeffannu. Akkanuma namoonni tokko tokko magaalaa seena-qabeettii Oromiyaa Waltajjii keessatti argamutu, “Bishooftuu” Haadha Siiqqee fi Abbaa Gadaa “Bushooftuu” jechuun nu jalaa busheessanii barreessu. Waan bakka magaalaa tanaatti harawwan jaha argamanii fi waan bishaaniin Waaqni ishii badhaaseef, Oromoon Tuulamaa lafa bishaan baay’ee qabu jechuun “Bishooftuu” jedhee moggaase. Dhageessaa-ree yaa Bishooftuu araddaa Irreechaa fi qeyee eebbaa!
Akkuman kanaan dura isniif ibse Oromoon uummata dubbii beeku, abbaa beekumsaa waan taheef: lafa isaas, nama isaas dabrees wanneen birootiif maqaalee gaggaarii kennuun moggaasa.
Bakka mukni “adaamii” itti-heddummaatu waan taheef “Hadaamaa” jedhetoo moggaase. Lafa ciraa qabuun “Ciro”, lafa amboo (“Hora”) qabuun “Ambo”, lafa geedni (mukni) ittii heddummaatuun “Geedoo”, lafa seenaan akka idaayaa (misirroo) naqatamteen “Naqamte”, lafa awwaala nama Doolloo jedhamuu irratti makni “dambii” margeen, “Dambii Doolloo” jedhee maggaafate.
Ani kana irratti meeqa himeen dandaya-ree? Biyya Oromoo sadeen Sooddoo keessa tan amma magaalaa taate bakka tokkotu jira. Bakka kanatti muka “harbuu” guddicha tokkotu argama. Guyyaa guyyaa, saafaa keessa oggaa aduun nama waxaltu gaaddisa harbuu kanaa jala horiin dhufanii ciisu. Cululleen isaan kana keessaa “tokkoon isaa boqotaalaa?” jechuun harbuu irra hedduumminaan yaatee, teessee eeggatti. Kana hubachuun Oromoon,  “Harbuu Cullullee” jechuun maqaa kenneefi.
Naannoo Meettaa Hoolotaa bakka “Ejersa Lafoo” jedhamutu jira. Namni Bachoo irraa ka’uun gara Meettaa Roobii fi dabrees gara Salaalee deemu, goodaa Bachoo keessa kutee ennaa randa olbayu, warri fardaa dalga goggoruun akka  hoddhaa gundootti maramee randa daddhabsiisaa kana baya. Warri akka kiyyaa miilaan xallisu immoo randuma kana kallattiin fuundaratti olbaya. Garuu, hedduu waan daddhabuuf erga olbayee, ejersa guddaa tokko kan achitti argamu jala taa’uun haara-baafata. Kana irraa ka’uun iddoon sun “Ejersa Lafoo” jedhame.
Maqaaleen lafaa kanneen Afaan Oromoo isaan jechoota mirree (cimdii) tahan irraa baafaman daran namatti tolu; sonaan nama gammachiisu. Sammuu fi qalbiif soorata mishaa tahu. Wallagga keessaa: “Laaloo Qilee, Siibuu Siree, Noolee Kaabbaa, Boojjii Coqorsaa, Waamaa Agaloo, Qilxuu Karaa faa agarra. Jimmaa fi Iluubbaa Booraa keessaa: Shabbee Somboo, Limmu Saqaa, Saqaa Coqorsaa, Algee Saachii, Bunoo Baddallee faa qalbeeffanna. Oromiyaa Waltajjii keessaa: Adaamii Tulluu, Tullu Boolloo, Dheeraa Walisoo, Baddaa Qeerroo, Tokkee Kuttaayee, Tulluu Maraa, Malkaa Qunxuree, Aqaaqii Basaqaa, Kaarra* Halloo, Kaarra Qoree, Muka Xurii, Garba Gurraacha, Caffee Doonsaa, Laga Daadhii faa hubanna. Barentuu (Harargee) keessaa: Daaroo Labuu, Dirree Dhawaa, Ejersa Gooroo, Kaarra Maraa, Kurfaa Callee, Malkaa Raafuu, Gubaa Qorichaa faa akeekkanna. Naannolee Arsii fi Baalee irraa: Haroo Dumaal, Gurra Dhaamolee, Nageellee Meexamaa, Madda Walaabuu faa baranna. Naannolee Booranaa fi Gujii keessaa: Hiddii Lolaa, Meettaa Gafarsaa, Malkaa Soogiddaa, Erba Muudaa, Oddoo Shaakkisoo, Saba Boruu faa qayyabanna. Mee maqaan Bulee Horaa jedhamu kan naannoo Boorana keenyaa keessatti argamuu daran isin hin gammachiisuu? Isaan kanneen fakkeenyumaafan isiniif dhayeessee malee, dacheen Oromiyaa kanneen akkanaa kumaatamaan qabdi. Mee egaa, amma kanaa gaditti jechoota kutaa kanaaf dhiyaatan ilaalaa!
JECHOOTA DIGDAMII-SHANAN HARDHAAF DHIYAATAN:
1) daga                         –                    ethnic (= goslammii)
2) danaadanee            –                     diversity
3) geeda                      –                     tree (garuu: muka jechuun “tree” fi “wood” jechuu dha.)
4) folka                        –                     wood
5) furaa                       –                     dictionary (= galmee jechootaa, kuusaa jechootaa)
6) hadhaadhiyyaa      –                     rehabilitation
7) hajalaa                   –                                cassette (hajalaa biidiyoo  =  video cassette)
8) hara                        –                     lake (= dambala, hashaaqa, tajii)
9) haroo                      –                     pond; pool (= koonnoo)
10) killayyaa               –                     abstract (not concrete)
11) lafaala                   –                     floor
12) lamii                      –                     ambassador (mana lamii – embassy)**
13) lubbiyyoo              –                     cell
14) ichimmee               –                    match (= kibriitii)
15) malkee                   –                    seaport, harbour
16) miccee                   –                    carrot (= kaarota)
17) miduu                    –                    to evaluate
18) miira                      –                             sense
19) quboo                      –                 dijit
20) ruuda                     –                  heaven; sky
21) sadakkuu               –                  triangle
22) talaalii                    –                  vaccination (talaaluu – to vaccinate)
23) uranee                    –                 oasis (= adaalqaljii)
24) wayyaba                 –                 majority (= irra-jireessa)
25) yaaya                      –                 logic
______________________  Hubachiisa Miiljalee _________________________
* Dhiyoo kana barreeffata tokko keessatti: “Karaa Qoree, Karaa Maraa” jechuun waan barreeffamen arge. Kun dogoggora. Nama jecha Oromoo isa “kaarra” jedhamu hin beeknetu akkanatti barreesse jechaa dha. Afaan raajeffamaa kan Biyya Gadaa kana keessa jechoota afur kanneen sirriitti addaan-baafachuu qabnutu jiru. Isaan kun: kaarra, karra, karaa fi kaarroo dha. “Kaarra” jechuun lafa akka karraa (ulaa) tahe kan tulluuwwan yookaan gaarran lama jedduutti argamu. Isa Afaan Ingiliziitiin “mountain-pass” jedhamu sani. “Kaarroo” jechuun immoo isa Afaan Ingiliziitiin “fern” jedhamu. Kanaaf: “Karra Halloo, Kaarra Qoree, Kaarra Maraa, Kaarra Warra Gulee” faa jenneetoo akkuma uummanni keenya dubbatutti barreessina.
** “lamii” dha malee, “lammii” akka hin taane qalbeeffachuun gaarii dha!
                                                                                               Itti-fufa ——!
               ==============    //    ==============
Qubeen Oromoo kun erga waggaalee 25 dura, bara 1991 keessa: hayyuuwwan, beektonni, dureewwanii, roogeyyii fi jajjabeewwan Oromoo dira sonaan guddicha wiirtuu Oromiyaa irratti argamu, Finfinnee-tti walgayaanii sagalee fi onnee tokkoon “qubee” kana eebbaa fi gammachuun fudhatanii asii, diinonnii fi jibbitoonni Oromoo fi Oromiyaa takkaa duula isaanii hin dhaabne. Uummanni Oromoo guddichi magaalaa fi baadiyaa, biyyaa fi biyyoota alaa irraa dammaa fi bunaan, coqorsaa fi siiqqeen ililchee “hoo mareewoo!”-n simachuun isaa ittuu diinota saba kanaa ija-diimessee, eeboos qarsiise. Jarreen kanatti amma sirumaa dubbiin mirgaa fi haqa Oromoo sagaleewwan: qubee, afaan Oromoo, Oromummaa, bilisummaa fi federaala jedhaman faa ciniinnaa-garaa fi buwwoo-mataa itti-kaasaa, itti-hammeessaa jiru. Kan biraa hafee jechoonni Oromoo fi Oromiyaa jedhaman dhukkuba onnee jarreen kana qabsiisaa jiru. Egaa maal goonaree, silaallee akka aadaa Oromoo fi gara-laafina uummata Oromootti jarreen dhibamanii fi dhukkubsatan kanaaf ni gaddina; lagaa buunee, gaara baanee qoricha isaan fayyisu barbaannafiiyyu. Garuu, isaan fayyisuuf jenneetoo qubee qubaa keenyaa, Oromummaa eenyummaa keenyaa, bilisummaa namummaa keenyaa, abbilee keenya Oromoo, harmilee teenya Oromiyaa: kakakuu dha; laguu dha; hooda, hoola daqiiqaa tokko dhiisitii sekondii takkaafillee hin dagannu!
Mee ergan isa kanaa olii akka dura-dubbiitti waa jedhee, waan amma ishii tana akkan bacancaruuf massaa (sababa) naaf tahe, yoon dursee lafa-kaaye dubbiin irra caala taliileffamaa deemti. Gariin keessan nama Dr. Geetaachaw Hayilee jedhamu ni beektu jedheen amana. Namni kun nama teessoon yeroo ammaa biyya USA-a keessa jiraatu. Ammoo, nama sammuu fi qalbiin bara Minilik keessatti argamu. Namni baratee homaayyuu hin baranne kun yeruma yeroon waayee Oromoo kaasee, jibbaa hamaa fi tuffii daangaa hin qabneen hamma humna-saatii saba kana aboota; arraba isaa kan akka doobbii jiruu saniin waxala. Of-tuulummaan, of-guurummaan, uummata-kootu caalummaan, uummata-kootu qaroominaan saboota hunda dursaan, amantii-kootu hundarra caalaan — kam himnee kam dhiifnaa mitii, nama barachiisaa (pirofeesara) unibarsitii tahe kana gadi isa konkolaachisee gurbaa kutaa afraffaa keessa barchaa jiru tokko isa fakkeessee argama. Maal abboo sammuu Waaqni guddichi kan namaa keenne akka ittiin yaadaniifi. Nu dhalawwan namaa mara, eeyyee akka yaada Oromootti, akka amantii Waaqeffannaa-tti nu ilmoowwan namaa kanneen garaa haadha takkaa keessaa baane, kan bineeyyii irraa adda nu baasu sammuu Rabbi nu badhaase kana. Maarree, nuti sammuu badhaafamne kanatti faaraan dhimma-bawuu baannan gaddeebinee nama nama-nyaatu, nama namaan-daldalu, nama uummata walitti qabee jibbu, nama “uummata kiyya malee, inni kaan jaannama haa seenu” — jedhu faa taana. Mee kanneen akkanaa kana Waaqni gara dhalawwan Biyya Gadaatti hin fidin-kaa!
Egaa, dottoreen “keenya” kun raasaa kana (jidduu kana) barreeffata tokko kan matadureen isaa: “Fidala, Afaanii fi Uummata” jedhamu Afaan Amaaratiin, marsaa “Ethiomidea” jedhamu irratti baasee ture. Anillee kana hin agarreeyyuu ilma Haadha Siiqqee kan ardii biraa fi biyya biraa keessa jiraatu tokkotu akkan ani kana mildhaddhuuf na qalbeeffachiise. Inni (Dr. G. Hayileen) itti-seensaaf wanneen biroo haa jedhu malee, dubbiin inni ganamaan manaa bayeef Qubee Oromoo fi Oromummaa caccagaduufi. Oromoonni jibbaaf jedhaniitu: “fidala Amaaraa, fidala Toopphiyaa” dhiisanii baargama cewuun Laatinii irraa ergifatan jedha. Inni durisee fidala ammaan taana Afaan Amaaraa fi Afaan Tigree faa dhimma ittiin-bayan kana akka waan dachee amma Toopphiyaa jedhamutu tana keessatti maddeetti dhiyeessuuf yaala. Namni kun qubeen keenya baargamaa dhufuu, fidalli isaanii immoo asuma biyya isaaniitti biqiluu isaa nutti lallabullee, dhugaa fi dhugoon jiru waan biraati. Fidalli isaanii kunis akkuma isa keenyaa kana baargamaa yabaloon gara Gaanfa Afrikaa dhufe. Inni keenyaa kun erga dachee ardii Afrikaa keenyaa irra miilli isaa ijjatee gara waggaalee 50-ti. Kan isaanii immoo gara waggaalee 1700 dura Biyya Saabaa, kan amma Yeman jedhamu irraa Garba Diimaa cewuun as dhaqabe. Bara san wanni Afaan Amaaraa jedhamullee waan addunyaa tana irratti hin argamneef, kan fidala saniin dhimma bahaa ture Afaan Gi’iizii ture. Haatu malee, fidalli sun Biyya Saabaa sanitti hin uumamne. Dursee wannumti waa barreessuu kun, qubee waa ittiin-barreessan uummachuun kun ardii eebbifamaa Afrikaa keenya, biyya eebbifamaa qeyee fara’oonotaa, Masira (Iggiptii) keenya irraayyi madde. Illiitonni Amaaraa jaalatanis, jibbanis naannayee, naannayee maddi qubee keenyaa fi maddi fidala isaanii tokkuma jechaa dha. Qubee Masiroota fi Nuubiyyaa keenyaa kana warri Foneeshiyaa (biyya Falastinaa fi Libaanon hardhaa) hedduu wawayyeessanii, foormii isaas gegeeddaranii gara warra Giriikii Duriitti dabarsani. Gara boodaa warri Roomaa (warri Laatinii) Giriikota irraa fudhachuun wawayyeessanii dhimma ittiin-bayani. Bardhibbee fi jaarralee sonaan baay’ee booda immoo ijoolleen Haadha Siiqqee fi Abbaa Gadaa qubee warra Laatinii kana irratti bu’ureeffamuun, akka saba isaaniif tolutti hedduu wawayyeessanii uummata raajeffatamaa Oromoo jedhamu kana badhaasani.
Haatahu malee, hayyoonni Oromoo hedduun bara dheeraaf qubeewwan olloota isaanii kan akka qubee Arabaa, qubee amma G. Hayilee kan Amaaraati nuun jedhu, kan balaqqeessumatti “Fidal Saabaa” jedhamuu kanaan Afaan Oromoo barreessuuf yaalanii turani. Garuu, homaa itti hin milkoofne. Booda immoo Hayyuun Oromoo hedduu beekamaan, Sheek Saaphaloon otoo waa tokkollee warra biraa irraa hin liqeeffatin: “Qubee Oromoo” kan orijinaalee tahee fi kan mataa ofii dandaye nuuf baasee ture. Haatahu malee, kanaanis akka gaariitti, akkuma afaan kun dubbatamuutti barreessuun hin dandayamne. Egaa, sana booda hayyuuwwan Oromoo Dr. Hayilee Fidaatiin durfaman, kanneen uummata Oromoo fi Waaqa Oromootiin eebbifaman, kan bara 1973 keessa barroo “Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo” jedhamu qubeedhumaan barreessuun nu badhaasan. San booda qubeen seena-qabeessichi kun: keettoo, foolisii fi loltoota warra Habashaa oggaa sanii dhokachuun karaa garagaraatiin Oromiyaa seensifamaa ture. Maali nafxanyoonni yommuu sanii barroo akkanaa kana dhiisitii “Macaafa Qulqulluu” kan Afaan Oromoo, kanuma qubee Saabatiin biyyoota Oroppaa kanneen addaddaa keessatti baafamuun Oromiyaa seene walitti guurruun gubsiisaa turan mitii? Eekaa, jara “nuti Kiristaana” ofiin jedhu sanitu Maacafni Qulqulluun waanuma Afaan Oromootiin kitaabameef walitti qabsiisee irbaata ibiddaa taasisaa ture. Warri Abbaa Mancaas kun aadaa fi Afaan Oromoo mancaasuu irraa yoom adabatanii taa’anii beekuree?
Isan ani gabaabumatti waayee qubeewwanii, dabrees fidala isaanii fi qubee keenya irratti hamma tokko laga ceyee, randa bayee, muummee qariyee waa jedhe kun Dr. G. Hayilee-tiif dhimma wayiituu miti. Shambaa, “Oromoonni jibbaan ijji isaanii cufamee, fidala isaaniif tahu, dhiisuun ergisaaf baargama ceyan —” jechuun nu irrattis, qubee keenya irrattis duula oofa. Namni kun kanaan dura Gadaan: “dhaabbata maafiyaati” jedhee ture. Gaafa jaarmaan addunyaa beekamti, UNESCO-n: “Gadaan hambaa qaroomna dhala namaati” jechuun fudhate san akkamitti rafee bule-laa? Mee amma kallachumatti gara isa kaaneef, gara dubbii qubeetti cewuun kanneen inni nuun jedhe keessaa hamma wayii waa keessaa ilaalla!
“Oromoonni Afaan Oromootiif fidala (Laatinii) filatanii jiruu, kun dubbii dhumee, namoota Oromoo hin taane ‘wanni isaan galchu hin jiru’, oggaa jedhan dhagayeen jira. — Oromoo qofa yoo tahee fi Oromoonni irratti yoo waliigalan, filmaata jibba irratti hundaawe gochuu dandayu.” Mee yaa Waaq! Kun maal jedhama? Oromoonni dubbii qubees tahee, wanneen biroo irratti yoo waliigalanii filatan, akkamitti wanni sun dubbii jibba irratti bu’ureeffame taha? Akka “barsiisa” Dr. G. Hayilee kanaatti Oromoonni gaafa dhimma mataa isaanii irratti waliigalanii waa filatan, waan hin amanamneef firoota Dr. G. Hayilee Gondorii fi naannoo Manjee faa irraa waammachuu qubu jechaa dha. Amma gaafa Oromoonni: “Seera Bulmaata Toopphiyaa, boqonnaa 39-ffaa” sana irratti hundaawanii hiree ofii ofumaan murteeffatan, lammiiwwan nama kanaatu Oromoota wajjin taa’ee murteessaaf jechuu dhaa? Jibbi namni kun Oromoo irraatti qabu waan ijaa fi sammuu isaa cufeef, gadi of buusee yaada wallalaa fi raatuun tokko dhiyeessuun addunyaatti ifa of-baasa! Uummata Oromoos tahee uummanni Amaaraa, uummata Meeksikoos tahee uummanni Paakistaan, hayyee uummanni kamuu birmada (“sovergne”). Wanneen uummanni kamuu giroo (dhimma) mataa isaa ilaalu irratti filate, filmaata bimadaa waan taheef kabajamuu qaba. Dubbii dhugaa ishii akka heexoo haddhooftu tana, oftuultonni Amaaraa shukkaara Oromiyaa san hamma fedhan itti-makatanii liqimsuu qabu!
Qubeen keenya inni quba Oromoo tahe kun, bara 1992 keessa Oromiyaa guutuu keessatti ennaa ijoolleen Oromoo manneen barumsaa keessatti ittiin barachuu jalqabdu, ilmaan nafxanyootaa isaan Biyya Oromoo keessa jiraatan hiriira bayaanii, barumsa dhaabuun balaaleffatani. Ofii daddhabnaan taabota saaniyyuu karaa qeesota saanitiin daboo waammatanii, taabonni kabajamaan inni ximqataaf laga bulee galu sun: “Sheexanni Qubee jedhamu biyya seenee jiraa, hanga inni biyyaa bawutti ani deemee mana kiyya, bataskaanatti hin galu jedhe”, jechuun uummata ayyaana ximqataatiif baye sanitti lallabani. Isa taabonni “jedhe” kana simaamaloo-dhaan kan uummata Oromootti himan qeesota Amaaraati. Kan taabota mataatti baatee dhaabatus, kan turjumaana taabotaaf dhaabatus qeesota Habashaati. Garuu, uummanni Oromoo erga kana dhagyee, “taabonni asuma dhaabatee bula malee, nuti qubee keenyan afaaan keenya barachuu hin dhiifnu”, jechuun gara mana ofiitti qajeele. Kun kan taheeyyu Oromiyaa Waltajjii, naannoo Ambootti. Oromoon Amboo diina dura goree shimalaan tashattashuu duwwaa otoo hin taane, dubbiinis tashattashuu ittuma-beeka!
Egaa, Oromoonni jibba tokkollee irratti otoo hin hundeeffamin: saayinsii afaanii, mijaawina qubeen afaan saanii akkkuma dubbatamuu fi dhagayamutti sirriitti barreessufii dandayuu filatani. Kunoo, qubeen murtii bira dabree waggaalee 25 Oromiyaa irratti akka utubaa jaanjarootti of gadi-xirribbeessee jira. Si-achi eenyumtuu uummata Oromoo lamuu bara dukkana nafxanyoota durii sanitti, deebisuu gonkumaa hin dandayu! Ammaan tana nuti Oromoonni sammuu fi qubee keenya bilisa baafanneeti jirra. Kan nu hafe san, isa amma kufaa ka’aa jirruuf, birmadummaauummata Oromoo, bilisummaa saba Oromoo fi walabummaa harmee Oromiyaa garaa-dakaa labnee wal-labsinee, sochoonee wal-sochoofnee, hidhannee wal-hidhachiifnee, tokkummaa fi obbolummaan wal-jifaarree gonfanna! Kana irraa ibiddi manneen hidhaa akka Qilnxoo faa, kumaatamaan gorra’amuun akka gaafa Irreecha Bishooftuu faa, dhiigni ijoollee Oromoo inni Oromiyaa guutuu irratti akka lolaatti dhangalaye faa, lafeen Oromootaa inni akka qoraaniitti caccabee lafa guutee faa qabsoo teenya haddhooftuu ammoo kan bu’aaan ishii mi’ooftuu san irraaa waa takkallee duubatti nu hin deebisu! Kakakuu dha; laguu dha; hooda, hoolauummata Oromoo harqoota gabrummaa jalatti hin dhifnu!
                                                                   ==============    //    ==============

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.