ገርቤ ምካኤል (ምስጋናው) -Misgaanaw/Garba Mikaa’eel-Seenaa Dhuaga!

Seenaa dhugaa dheeraan gabaabsee sitti hima. Qeesii Goojjamii dhuftee biyya keenya qubatte tokkotu #Bataskaana Mikaa’eeli naannoo keenya jiru tokko keessa hojjetti. Maqaanshee “Maammire Asfaw’ jedhama. Utuun Kiristinnaa kan jedhamu hinka’iin waggaa 7 n gahe. Kana booda Xaafiifi hoolaa mana keenyaa fudhachuu dhufteetu ኣቶ ጉሉማ ኢሄ ልጅ ክርስትና ስሙ ማነው (Obbo Gulummaa Maqaan Kiristinnaasaati eenyu jedhee quba natti qabaa..?) . Abbaankoos deebsieetu, Abbaatee mucaankoo inni kun Krittinnaa hinkaane jedheen’.

Qeesichis deebisee በስመ ኣብ ው ወልደ መንፈስ ቅዱስ ምን ምን (Maqaa Abbaa, kan ilmaa kan hafuura qulqulluutiin , maal maal? ..akka jechuuti) jedheen. Kana booda abbaankoo na’eetu tarii mucaankoo waa najalaa ta’aa laataa jedheetu ‘Maal naaf wayya Abbaateekoo’ jedheen. Qeesichis deebisee ማነው ጋፋ ጥምቀት ጋናማ (Afaan Oromoos caccabsee nibeeka waan ta’eef..Gaafa Ximqataa dura keenya jiru sanatti lagatti fidi jedheen. Ani kutaa 2ffaa gaheera. Kana booda, anoo hindhaqu Aabba’ jennaan, abbaankoo halangaa dugdarra lama nabuuse. Anis cilliqfataan boo’aa faana bu’e.

Hubadhaa!

Abbaankoo najibbeef miti. Ija keessa waan nalaaluuf najalaa waa ta’a jedhee sodaateeti. Kana booda Qeesiinkee bishaan Masaaqula guddaa tokko guutuu mataatti gadi natti dhngalaasteetu, waan akka afaan sinbiraa tokko narratti geerarteetu ከዛሬ ጀምሮ ስሙ ገርቤ ምካኤል ነው (Har’aa eegalee maqaansaa Garbe Mikaa’eeldha) jette. Kana booda abbaankoos gamamdeetu, abbaateekoo gaafa dilbataa manattan isin barbaaa jedhee gale. Qeesichi sanabtasaa deebi’ee gaafa mana keenya dhufu, waliin taa’anii #Harqaee kana komokkomuutti ka’an. Qar. 40.00s Ababankoo harka keessa kaa’an. Taa’eetuman ilaalaa ture. Nyaatanis dhugan. Waa gochuu hindanda’u. Yoon xis’ jedhe abbaan keenya waan harkatti baatu addatti sibaqsa. Adabbii qe’ee keenyaa jechuun balaadha. … seenaa dheeraadha!

Hubadhaa!

ገርቤ ምካኤል jechuun hiikkaansaa -Garba Mikaa’eel (https://en.wikipedia.org/wiki/Gebre) jechuudha. Garba jechuun, bitamaa, ergamaa, hojjetaa, kan mirga hinqabne…kkf jechuudha. Ani Mikaa’eeliif Garba ta’ee hinbeeku. Ijaanis isa hin argine. Hamman beekutti #Mikaa‘eeliin ergamaa Waaqayyooti. Ergamaan Waaqayyoo nagarboomsee yookaan garboomeefi ergaa dhaquukoofi hanga ammaatti hin yaadadhu. Tarii yoo #Taajjabbiin nayaadachiseemmoo sinittan hima.

Ergan nama gaheessa ta’ee waa hubadhee as maqaakoofi eenyummaakoottan deebi’e.

Habashoonni, Araboonniifi warri Yihudotaa (Jewdish/Iserael) eenyummaa keenya nuwallaalchistee maqaa waaroo garbummaa nutti uwwiste. Utuu maqaa qabnuu maqaa keenya nutti ajeessan.

Ani Maqaankoo #Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa Qacoosaa Boktoolaa Garbaa Waaree Qilxuu Dooyyoo igguu Gabaroo……..Jijoo)..22ffaatti nanbeeka-Abbaakootu daa’imumamatti nushaakalchiisaa ture!

Yoo Oromoo taate, Maqaa #Habashaan#Arabni#Isiraa‘eliifi jinniin siif moggaasteefi sidhaalchisteen hin waamamiin!

Utuu dubbannuu, gaafan kutaa 9fffaa ga’u Habashatti kana ijaa ba’eera (isa kana kutaa biroo keessaattan siniif seenessa)

Seenaa kutaa 1ffaafi 2ffaa saa akka barnootaaf ta’utti Viidiyoon qopheesseen karaa #ODM-Tube’ keenyaan gadi isiniif lakkisa. Link’ kanaa gadii tuqaati iddoo #Subscribe‘ jedhurra aluma tokko qofa tumadhaa! 
Waan dubbistanii na arrabsitaniif durseen isin galateeffadha! 🤣🤣👈https://www.youtube.com/channel/UC5x79NjeGegzduLQD2os0ew

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.