Nooruu harka fuune Oromoo! Dhaamsa gabaabduu bifa ejjennootiin gaggabaasee kanaa gaditti tarreesse kana obsaaf bilchinaan naaf dubbisaa! Ulfaadhaa!

OROMOOF!

Uummanni Oromoo xiqqaaf guddaan akka nama sinittii cite tokkootti dhukkuba, miidhama, beelaafi caba keessanan baadhee joora. Ba’aa kanatu akka malee nawaccisiise. Haqa qabdan sanatu akka haqaaqamun hinfedhun ture. Gindillaan kophaakoo sinirraa darbadhee gatu waan hintaaneefan waliin miidhamee sinis miidhe. Kanan hojjedheef hingaabbu; kanan sichi hojjedhuufis hinbaannadhu; kanan sijalaa miidheefis jiraannaan dhiifama!

QEERROOF!

Qeerroo/Qarreekoo, akka abidda jaalalaaf bilisummaa qomatti baattee deemtun sikeessaatti arge. Kanaafan sijaalladha; haqakee argeen xiqqaaf guddaan arrabsame; siif arrabsamuun kabajaadha! Jabaadhu! Wal’aansoo lakkoofsa hedduu durakee jira; abdii kutannaa tokko malee wal’aansoo qabi! Waan uumamteef taatu malee hindarbiin! Ariifattee murtii hamtuu ofirratti hinfudhatiin; obsaan danda’uukee kudhaammadhuu adeemi! Nimoota!

AKTIIVISTOOTA

Aktiivistoonni Oromoo akaakuu garaagaraatu jirtu. Warreen haqaaf miidhamtanii haqa saba keessanii fuulduratti dhiibaa jirtan, dhaloota haqaa birattis waaqayyoon birattis kabajaa guddaa qabdu. Itti fufaa. Warreen dantaa dache kanaa singowwoomsite sammuu keessaan faana araaramaa. Nama sammuusaan walloleef jaarsi araaraa hinjiru.Yoo isiniif danda’ame loogii malee saba keessaniif falmaa!

MIIDIYAAF

Miidiyaan Afaan Hiyyeessaaf isa miidhamaa ta’ee gartuu siyaasaarra gartuu hawaasaa utuu ta’ee filatamaadha. Akka biyya keenyaatti kun amaleeffatamaa miti. Namootiin miidiyaarra jirtan ajandaa garaa keessanii utuu hintaane, ajandaa garaarraadhaa sinitti dhufeef akka bultan cimseen beeka. Ta’us gartuu saba keessanii ta’uuf carraaqaa. Abukaatoo saba keessanii ta’aa. Namni haqaa akka hinjaallatamneefi faarsitoota baayyee akka hinqabne ifa. Namni haqaa yoo xiqqaate sammuusaa faana akka nagaa qabu ammo hindagatiinaa!

BARREESSITOOTAAF!

Barreessitoonni mootora siyaasaa addunyaa ta’uun nibeekama. Namni copha sammuu qubeen toora galchee saba dura afu nama salphaa miti. Barreessitoonni kennaa hawaasa tokkooti. Kana nama muraasatu hubata. Haqa barreessaa! Jajamuuf utuu hintaane, kan jaji’ame gargaaruuf barreessaa. Maq-balleessiis ta’u jibba hunda obsaan irra aanaa. Sodaa keessaa ba’aa barreessaa. Gatii baastan qabdu. Gatii keessan shallagaa itti seenaa. Bokokarra futtaafatanii gatii sana hammaarrachuu wayya laataa?

JAARMIYOOLEE SIYAASAAF

Siyaasni dirree taphaati. Tapha kubbaa miillaa. Gosa taphattoota kooddii lakkoofsa garaa garaa qabantu keessaa taphata. Siyaasni shira. Keessumattuu biyya siyaasni daaddee akka biyya keenyaatti gatii nama baasisa. Siyaasa kamuu boroo shiratu jira. Namoonni siyaasaa wal’aansoo sammuutiin waxalamaa oolu. Saba keessan gargaaraa. Aangoorra caalaa #Imimmaan sabaa ilaalaa. Warri utuu haqa qabdanii haala hedduun haguugamtanis jabaadhaa! Dhumarratti haqatu gaararra isin dhaaba.

MAAMILTOOTAKOOF

Maamiltoonnikoo miidiyaa hawaasaa hundi ulfinaaf galata guddaa nabiraa qabdu. Dhuguman sinjaalladha! Eebbi, abaarsi, faaruufi arrabni keessan haamilee naaf ta’eera. Akka Kanaan duraa yoon dafee dafee waa maxxansuurraa of qoqqoobe nan komatiinaa. Warreen madden ragaaleen tumsaman natti ergitanii ani maxxansuuf harka keessa qabadhes dhiifaman gaafadha. Raga asana akkuma ragummaasaatti olkaa’eera. Gaafa nagaafattan siniifan kenna; isin biraa badullee nabiraa iddoo himnbannerra kaa’eera. Haqaan finiinsaa tureef isintu utubaaf haamileekoo ture. Oromoo haqaaf miidhame biraa galata qabdu.

EGEREE

Egereen keenya bayeessa. Rakkoonis jira. Hinjarjariinaa. Ariifattanii murtoo jallinaa hinfudhatiinaa. Keessumattuu barattoonni Oromoo of naaf eeggadhaa. Rakkoo mara obsaan lufaa. Qilleensa ka’u hunda ija qalbiin ilaalaa. Bubbee qilleensaa faana kaatanii akka bowwaa najalaa hinbuunen sin kadhadha.

DHIIFAMA

Obboloonnikoo Oromoon yaadan barreessaa tureen madooftan dhiifaman singaafadha. Akka isin dhiifama nagaafattan hinfedhu. Ani akkasumatti siniif dhiiseera. Dantaa uummata bal’aaf jecha dhuunfaa walii waliikeenyaa miineerra. Nami hundi kabajaa mataa ofii akka barbaadu nan beeka. Nami uumamumaan jajamuu barbaada. Kan jajamuu qabu jajee kan tuffatamuu qabu kan tuffatamaa ta’uusaa himu garuu nama haqaa qofa. Kana qabatamattan taasisee argame. Kana keessaatti kan miidhamtan obboloonnikoo ammas dhiifama. Qubee qubnikoo barreesseen qajeelfamaafi barumsa guddaa akka argattan abdiin qaba. Keessumattuu waanan #Taajjabbii 500 mata duree hedduu keessaatti barreesse ragaaf jira. Google’ keessas kaa’eera. Of harkaas qaba. Kun bu’aa qorannoo waan ta’eef taa’uu qaba. Kan hinmaxxaniin qopheeffamanii kaa’amnis jiru. Ammaaf waa hunda hubachuutti sammuun nama hundaa waan hinqophoofneef maxxansuurraa of qoqqobeera. Marsariitiikoo barruukoof kan hayyoota Oromoo hunda baatu maqaa beekanguluma.org jedhu kuma 10 ol qabu maallaqaa baaftanii warren dhabamsiiftanis siniif dhiiseera. Kijiba tasumaa anaan wal-hinqabanne uumtanii shira maq-balleesstti daa’ima ijaartanii kan waggaa sadan darbaniif dalagaa turtanis siniif dhiiseera. Yaada dura dhaabbadhee haqa sana asiin ga’uukootiin waa isin barsiiseera.

MURTOOKOO!

Jiruu gabaabduu bu’aa ba’iin guutte sanarra waa guddaan baradhe. Lafan amma jiruus waa guddaan baradhe; barachaas jira. Funaansa beekumsaa muuxannoo, Oromoofi faranjiirraa baradhe hunda Oromoof oolchuuf waadaan seena. Oromoof hojjedhee Qar. 1 nyaadhee yookaan gaafadhee hinbeeku. Dhaaba siyaasaa kam jalatti qabamee miseensa ta’ee hinbeeku. Barreeffamnikoo hedduun dhaaba #ABO f akka loge natti dhaga’ama. Dhaaba kaayyoo Oromoo haqaa qabatedha jedhee waanan amaneefan falmeef. Nama dhuunfaafi hinfalmine. Kaayyoo sanaafan falmi. Dhaaba Kaayyoo bara dheeraa baatee joore waan ta’eef, dhaaba firaafi obbolaa keenya jalatti dhabne waan ta’eefan hamtuu itti dhuftu mara salphina naaf hinmalle itti baadheen akka namaa utuu hintaane akka bineensa bosona galauuttan itti arrabsame. Bineesuu kabaja qaba; bineensa Sanaa gadin ta’e. Narratti hololameera. Ani barreessaadha; barsiisaa Yunivarsiitiin ture; dhalootan qaraa ture. Hojii umuriikoo olii Oromoof akkan hojjedhe manni barumsaa Oromiyaa keessa jiru hundi anaaf ragaadha. Falmaan waggaa sadan darbanis raga guddaadha. Iddoon amma jiru kanarraa waan guddaa akka narraa eegdan nan beeka. Siyaasa addunyaa kanaa warra hundeen sochoosanan dhaggeeffataa oola. Garuu ofittoo ta’uurran gadi of buusee namoota daa’imummaarra jiran faana yerookoo fixe. Itti hindeebi’u. Waan Oromoofi Oromiyaa gargaaru tokko fal’aana walakkaa taatus nan gumaacha. Mul’ata nakeessa jirun beeka. Bilchina guddaanan dhufa. Ammaaf amma waa hinmaxxansuuti narra hin eegiinaa. Odeeffannoos natti hinergiinaa. Gaafan barbaade gadi taa’een gorsa Keeyyata tokko taatus bilcheessaa, torbanittis , guyyaa lamattis ta’u sadiitti cuunfee siniif dhaama. Barumsarran jira. Jiruus wal’aansoo qabaan jira. Gama miidiyaa dhuunfaakootiin Hayyoota anarra waa beekan siniifan dubbisa. Yoon miidiyicha kophaa hojjechuu dadhabe tumsan isin gaafadha. Tumsa yeroo, beekumsaa yookaan maallaqaa ta’uu danda’a. Najalaa owwaadhaa! Kana dura baayyee barreesseera; amma baayyeen dubbisuu barbaada. Yeroon dubbisuuf fudhu kanatti naaf obsaa! Namoota fakkeenyummaakoo qabatanii sodaa malee barreessan baayyee akkan siniif dhalchee jiru abdiin qaba. Yerookoo harka walakkaa ol guyyaa guyyaatti sabakoof kennuukootti hingaabbine; hingaabbus. Amma qabsoos ta’e abbaan qabsoo hundi biyya Oromiyaa jira. Jabaadhaa! Animmoo yaada maddisiisuudhaan haguma humnakoo darbee darbee nan argama. Irra caalaatti garuu gadi jedheen hammaareen oljedhee facaasa. Obsaan na’eeggadhaa! Nama keessan dhugaa kan handhuura keessanitti cite ta’uukoo ammoo warri beektan beektu.

Nagaan Waaqayyo bara lafarra jiraattan hundaatti isin faana haata’u,

Beekan G. Erena, Onkololeessa 08, 2018, 09.45 PM,
Cambridge, USA

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.