Uncategorized

Tarkaanfii Bulchiinsi Dr.Abiy Ahimed Fudhataa Jiru kaka’umsa gaarii dha. Hata’u malee Mudaa baayyee of keessaa qaba. Mudaan kun ammoo gufuu Jijjiirama amma biyya keenya keessatti mul’ataa jiruu ta’uun isaa wal nu hin falmisiisu. Kanaaf Bulchiinsa sana qofaa irratti otuu hin taane nutis akka sabaatti hirmaannaa gochuu qabna. Deggeruu qabna. Jajjabeessuu qabna. Yeroo kana jennu garuu badii isaan keessatti dalagamaa jiru callisnee aguugneefii jijjiirama fidaa jiru jennee ija qabannee harka reebuufiin nurra hin jiru. Mudaa arginu bifa iftoomina qabuun akka isaan irraa barataniif qeequu qabna. qeeqa Ijaarsaa.

Tarkaanfilee fudhatamaa jiran keessa Mudaatu jira Yoo Jennu Maal irraa kaaneetu?

Fkn.

Dokmentariin
tibbana Hojjetame Hanqina Hedduu qaba. Hanqinni kunis Hanqina
(Investigative Jouranlisim) ti. Kun qeeqa Miti, qeeqa Ijaarsaati. Dur
Obbo Mallas Zeenaawii gaafa qaama tokko irratti fuullefachuuf jedhan
dursanii Heera baasanii bulu. Ganama Ka’anii Heera sanaan qaama adabuu
barbaadan adabu. Heerri sun kan Ija seeraan hin utubamne, kan manni
Maree irratti mari’atee hin mirkaneessine waan ta’eef Meeshaa acuuccaa
ta’uun qaama aangoo gubbaa jiru fayyada. Kanaaf akka ragaa guddaatti kan
dhiheessuu dandeenyu Heera Farra Shororkeesummaa bara 2009 ragga’edha.
Namooti Har’a dararaa guddaa argaa jiran namoota Heera sanaan qabamani
dha.

Gara
bulchiinsa ammaatti Yoo deebinu, gocha Hammeenyaa waggoottan 27 darban
saba keenya irratti raawatamaa ba’e Seenaa goonee gara Jireenya boqonnaa
Haaraatti ce’uudhaaf iftoomina guddaa nu barbaada. Namooti waggoottan
27 darban Saba Keenya hammeenya diinaatiin Harka Mootummaa bu’an Irratti
Diraamaa gurguddaa Hojjechuun Miidiyaa OTV gubbaatti kan Sabaaf
Dhiheessaa turan Namooti Miidiyaa Siyaasaaf Homishaman akka Adimaasuu
Daamxoo Har’as qaama bulchiinsa kanaa ta’uun itti fufaniiru. Kun waan
nama yaaddessuu fi akka nuti Jijjiirama kana Ija kalaabsuudhaan Ilaallu
waantota nu taasisan keessaa tokko. Namooti Dokmentarii Admaasuu Daamxoo
dhiheessaa ture Hordofaa turre Har’a otuu namni sun Hin jijjiiramin
bifa biraan aangoo biraa qabatee Yoo nutti as deebi’u amanuun baayyee
nutti cima. Kan biraan Caasaa Basaasaati. Waa’ee Caasaa Basaasaa Yoo
Haasofnu Mootummaa aangoo gubbaa jiru tokkoof Humna guddaa kan ta’uuf
kan akka lafee dugdaatti qabee dhaabu Caasaa kana dha. Har’a Caasaan kun
Namoota qubaan lakka’aman gubbaa jiranitti Harka qabaa jirra Malee
caasaa inni gara gadii jiru Harki 95 Hin sochoone. Namooti Godinaalee
Irratti Damee Caasaa Basaasaa Oogganan Hedduun Har’as namoota Qaama
Hidhamtoota sana Dararaa ba’een Leenji’anidha. Namni tokko Otuu gara
caasaa basaasaatti hin kaadhimamin dura maal keessa darba isa jedhu
guyyaa tokko ballinaan ibsuun Yaala. Walumaa gala Namni Caasaa basaasaa
keessa seenuu danda’u tokko Yoo Haati isa deesse du’uu qabaatte nama
Haadha isaa ajjeesee Wayyaanee Irraa Amanamummaa bitachuu danda’u dha.

Akka
Sabaatti Yoo ilaalle Kan sodaatamuuf Kan irratti fuulleftamu Oromoo
waan ta’eef Caasaan basaasaa gara gadii jiru Hedduminaan Ykn Nama
dhiigaan Oromoo ta’e kanaachi ammoo nama Afaan Oromoo Haasa’u dha. Kan
basaasamuu qabu Oromoo waan ta’eef jechuu dha. Caasaan basaasaa kun
baayyinaan kan isaan bobbaasan (Informant) kanneen Jedhamanidha.

Informant

Namooti
nuti Informant jennu kun Kanneen Odeefannoo laatan jechuu dha.
Hojjettuu Manaa, Leestiroo, Keessummeesituu Hoteelaa, Kan siree
Haftu/hafu, qulqulleesituu, shofeerii kkf dha. Namoota kana shakkuun ni
cima. Waardiyyaa ta’ee nama mana keetti qacarame hin shakkitu.
Hojjettuun kee Icciita kee hedduu beetti. Egaan isaan kun namoota afaan
kee haasa’an, aadaa kee beekaniif dhalata naannoo keetii ta’uu malu.
Haala kana keessatti Icciita kee qabachuun hedduu ulfaata. Kanaaf Yeroo
namoota gubbaa jiranitti quba qabnu (Informant) isaan Leenjjisanii Mana
tokkoo tokkoo keenyaatti ergan akkamiin qulqulleessuu dandeenya. Har’a
Yoo Geetaachoo Asaffaa qabame Informant kun Hundi Madda galii isaaniitu
cufama. Kanaaf qe’ee sana Keessatti Jijjiirama kana gufachiisuuf Yaalii
isaan hin goone hin jiru. Informant kun baayyeen isaanii Har’a
Miseensota Dhaaba Morkatoo Keessa uddeelamanii jiru. Kanaaf Yeroo adda
addaatti Icciiti dhaabbilee Siyaasaa Hedduun ba’ee Paartiin sunis Kan
diigamu. Har’a kanaaf Kan Oromiyaan Ibidda keessa jirtuuf. Mootummaan
angaa’ota ol aanoo to’achuu danda’a garuu jarreen nuti (Informant) jennu
kana to’achuu Hin danda’u. Gariin isaanii nu caalaa Sabboonoo Fakkaatu.
Nu caalaa waan Oromoof quuqama qaban fakkaatu. Jireenya Keenya guyya
guyyaa keessa jiru. Hoteela nuti itti dhimma baanu, Mana bunaa nuti
seennu, boolla nuti itti fincoofnu hunda qaama isaan bobbaaseef himu.
Jarri kun Getacho Asaffaa nama jedhamu beekuu dhiisuu danda’u. Kan Isaan
Odeefannoo laatan nama isaan quunnamu qofaa dha. Namoota akkasii baruun
ni ulfaata.

Damee Basaasaa (Tika)

Damee
Basaasaa Yoo Jennu Damee adda addaa kan tasa quba wal Hin qabne garuu
dibaabee ooggansa tokkoo Jala jiran Sadiitu Jiru Ethiopia Keessa. Isaan
kun karaa tokkoonis ta’e karaa biraa kan isaan utuban ooggansa isa olii
sana.

1 – Damee Tika Dinagdee

Dameen
Kun Namoota Dhuunfaa, Keessumaa abbootii qabeenyaa fi Namoota
Mootummaan Dinagdeedhaan rukutuu barbaadu kanneen saba biraa ta’an
irratti Fuullefatu. Kan barbaadamu Tigraayii fi Tigiree Dingdeen
aangomsuu waan ta’eef Sochii Maallaqa namootaa saboota biraa to’atu.
Manneen Baankii waliin hidhata qabu. Isaan kun Kaayyoon isaanii namni
Saba biraa akka Dinagdeen hin guddanne, akka isaaniin hin caalle gochuu
dha. Yoo duroomuuf Hayyama isaanii argatte ammoo isaan waliin hojjechuu
fi kan isaan siin jedhan Gochuun Dirqama keeti. Kanaachi Halkan tokkotti
bakka ati irraa kaatetti si deebisu. Kanaaf Dokmentarii tibbanaa
Irratti nama Obbo Yohaannis Tarrafee Jedhaman sana Fudhachuu Dandeenya.
Namni Kun Nama Investimentii qonnaa Godina Benishaangul jiru Irratti
bobba’an abbaa qabeenyaati. Investimentiin qonnaa naannoo sanaa ammoo
baroota as aanoo kana Harka warra biyya alaa fi Harka Angaa’ota Tigiree
keessa seeneera. Kanaaf namni biraan akka isa kana irratti bobba’u hin
barbaadan. Kana gufachiisuuf kan hojjetu Damee tika Dingdee ti. Dameen
kun bifa adda addaan akka namni kun Maallaqa Mootummaa Fudhatee Bahir
Dar gubbaatti Mana Daldalaa Ijaaru erga taasiseen booda nama kana xaba
Daldalaatiin ala taasisuun qabeenya inni qabu, maallaqa inni baasee
Bahir Dar gubbaatti ijaare akka deebisee hin buufanneen tika qabanitti
fayyadamanii xaba daldalaan ala taasisan. Booda Manni Baankii mana
daldalaa sana qofa otuu hin taane manni jireenyaa isaallee akka akka
Irraa fudhatu taasisan. Erga kana godhanii booda ammoo dhimma nama kanaa
Damee Tikaa kan biraatti dabrsu. Dameen Itti aanu kun ammoo Damee Tika
Seelii Diinaa Jedhama. Dameen kun abbaa Qabeenyaa kana Akka waan inni
Hidhata warra G7 waliin qabuutti irratti erga Hojjetee booda shira garaa
garaa Hojjechuun dabarsee qabsiisa. Yoo namni kun qabamee mana Hidhaa
seenu Birrii Mootummaa Irraa Liqeefatee lafa qonnaa KM Kuma Dhibba Lama
ta’u irratti hojjechaa jiru sana deebisuu waan hin dandeenyeef baankiin
lafa qonnaa sana irraa fudhatee caal baasiif dhiheessa. Namni Caal
Baasii sana Mo’atu namoota ykn Garee kanaa jechuu dha.

2 – Damee Tika Seelii Diinaa

Kan
barbaadamu umurii sirna kanaa dheeressuu waan ta’eef Dameen Kun
guutummaatti kan Fuullefatu Mormii Sirna Kana Irratti uummataan
dhihaachuu malu hunda Kolaasuu dha. Kanaaf ammoo Maqaa Dhaabbilee
Siyaasaa adda addaatiin namoota Sirna kana qeequu danda’aniif qeeqan
adda baasuun irratti fuullefachuu dha. Kun Hawaasa keessa, manneen
barumsaa fi bakka itti Mormiin sirna kanaa itti geggeeffamuu malan hunda
irratti xiyyeefata. Namoota akka Tesfahun Camadaa, Eng. Mesfin
Ittaanaa, Kaffaaloo Tafarraa, Caaltuu Taakkalee fi kanneen biroo irratti
kan Hojjetu Damee Tika Seelii Diinaati. Dameen tikaa kun namoota
Irratti fuulleffachuu barbaadan akka salphaatti kiyyoo isaanii keessa
gatuuf Maqaa A.B.O, G7 fi kkf fayyadamu. Girmaa Xurunaa isa kanaaf
fakkeenya gaarii dha. Dameen Girmaa Xurunaa Leenjjise damee tika Seelii
Diinaati. Dameen kun erga Girmaa Xurunaa Leenjjisee booda hawaasa Oromoo
keessatti bobbaase. innis Oromoo biraa caalaa Sabboonaa Oromoo ta’ee
argame. Oromoota dandeettii adda addaa qaban, mootummaa kana qeeqan,
uummata kana sochoosuuf dhageettii guddaa qaban, keessumaa Artiistota
irratti bobba’e. Maallaqi Miliyoonaan itti laatame. Harka isaa
dheereffatee akka inni dhaabbilee siyaasaa quunnamus taasifame. Hunda
caalaa akka inni Oromoo/Artiistota biratti fudhatama argatutu irratti
hojjetame. Namoota dameen kun to’atuu barbaadu Girmaa Xurunaatu haala
Mijeessaaf. Isatu Meeshaa isaan waliin qabuu barbaadan dursee dhaqee
bakka sana ka’a. Kanaaf ammoo ragaalee nuti kanaan dura dhiheessaa turre
ga’aa dha. Namoota akka Girmaa fi kanneen Dameen kun bobbaasu kan
to’atu ammoo Damee biraa dha. Dameen kun ammoo Damee Tika Ooggantootaa
ti.

3 – Damee Tika Ooggantootaa

Dameen
kun akka ooggantooti hin fincille, akka isaan dhaabbilee siyaasaa ala
jiran waliin hidhata hin qabaanne, akka isaan amanamummaa isaanii hin
cabsineef damee hojjetu dha. Dameen kun Hojiin isaa amma biyya alaatti.
Diplomaatoti sirna sanaa Yeroo gara biyya alaa deeman kan to’atu. Garii
kan xiyyaara tokko keessatti isaan waliin imaluuf garii ammoo biyyuma
isaan dhaqan sana kan jiru ta’uu mala. Dameen kun sochii ooggantoota
kanaa to’ata. Nama isaan waliin haasa’an. Bakka isaan dhaqan, Hoteela
isaan bulan, Shamarran isaan wajjin hariiroo qabaniif kkf basaasu. Yoo
nama tokko shakkanii ooggansa irraa geggeessuu barbaadan tika kanatti
fayyadamuun (Blackmail) godhu. Akka namni kun Yeroo aangoo irraa bu’u
faallaa Mootummaa sanaa hin hojjenneef xaxaa inni keessaa ba’uu hin
dandeenye keessa galchu. Yeroo baayyee namooti aangoo Wayyaanee gadi
dhiisan Sirna sana akka isaan hin balaaleffanne waanti gaadi’ee isaan
qabu isa kana. Yoo gadi ba’anii waa tokko dubbatan tarii gaa’ila
isaaniitu diigama. Gaafa biyya biraa dhaqan Intala ta’e waliin bulaniiru
ta’a. Waan Jireenya isaanii diigu raawataniiru ta’a. Kanaaf ofitti
amanamummaa hin qaban. Kanaaf Sirna kana Hin qeeqan. Icciiti keessan Yoo
Harka nama biraa keessa jira ta’e Hamilee ittiin nama sana
balaaleffattan hin qabdan. Angaa’ota Wayyaanee keessaa amma tokko namni
isa kanarra aane Ambaasaadder Suleman Deddefo qofa natti fakkaata. Isaan
kaan garuu. . . .

Walumaa
gala Dameen Tikaa Wayyaanee Damee amma nuti yaannuun alatti Harki isaa
dheeraa birkii garaa garaan ijaaramaniif wal hin beekne dha. Damee kana
kan to’atu qama tokko ta’us Eenyu Eenyu Jalatti akka Hojjetu kan Hin
beekne, qaama ajaja isaaf laatu tokko qofa qabaachuu isaa kan beeku
garuu Damee Hundeen isaanii tokko Ta’edha. Baroota As aanoo kana ammoo
Dameen afuraffaa kan Teknooloojiitti dhimma ba’uun Marsaalee Hawaasaa
irratti basaastummaa hojjetu baballachaa jira.

Har’a Hokkara Godinaalee Oromiyaa, Keessumaa kanneen Daangaa gubbaa jiran kan to’achuun hin danda’amneef dheerina Damee basaasaa kanarraan kan ka’e dha. Kana qulleessuun Yeroo dheeraa fudhata. Kanan ODP-n Hunda dura keessoo isaa qulqulleessuu qaba jedhuufis kanaafi. Dokmentarii Tibbanaa kana bifa adda addaan qeequu dandeenya. Kunis Dokmentarii Jarjarsuun Hojjetame malee qorannoon Hojjetame Miti. Gocha obbolaa Keenya irratti Hojjetame sana Keessaa qaamota Hedduutu Harka qaba. Hidhamtooti Kun Namoota isaan reebaa ture beeku. Namoota isaan qorataa ture beeku. Godinaalee turan keessatti namoota Yeroo adda addaatti isaan doorsisaa ture beeku. Otuu mana Hidhaa Maa’ikelaawii Hin ga’in sadarkaa Godinaatti namoota isaan gidirsaa tureef dabarsee isaan kenne beeku. namooti kun bifa adda addaan Har’as aangoo gubbaa jiru. Manneen Hidhaa dukkanaa Jedhaman Dokmentarii sana irratti mul’atan eessa akka jiraniif maqaa eenyuun galmaa’ee akka jiru Namni Dokmentarii sana Hojjete qorachuu qaba ture. Har’a Caasaa guddaan Geetaachoo Asaffaa diriirse of oolchuuf dhagaa hin galagalchine hin jiru. Caasaa kana qulqulleessuun Jalqaba ODP-n Keessoo isaa qulqulleessuu qaba. Kanaaf ammoo ODP abaaruu qofa otuu hin taane gargaaruun dirqama. Hattuu Isa Konkolaataa Kee Hate to’achuuf Hattuu isa Harree Kee Hate waliin Hojjechuun Dirqama.

Namooti har’a Documentary dhihaate argan hedduun akka gochi sun isaan
suukanneesse barreessaa jiru. Hedduutu Irriba dhabuu isaa ibsataa jira
Facebook irratti. Akka kootti garuu gochi hedduun Safuu sabichaaf
jedhemee dhokfameera. Namoota miidhaman hedduu dubbiseera. Biyya
keessaas biyya alaa kan ba’anis, Akkasumas kanneen biyyoota ollaatti
baqatan baayyee isaanii haasofsiiseera.

Documentary’n har’a dhihaate gocha Sirna kanaan raawate keessaa baayyee xiqqaa dha. Gocha kana caalutu
raawate. Namoota har’a dhihaatan kuniyyuu Safuu sabichaaf jedhanii waa
hedduu dhoksaniiru. Mana maatii namoota hedduu keessa godaannisaa fi
icciita guddaatu jira. Kan Yeroo dhageessan otuu hin beekin lafti
isiniin maru icciita hedduu waliin maatii hedduun dhukkubsataa jiraatu.
Garii bor Hawaasa kana keessa waan jiraataniif, gocha sana dubbachuun
leeyyoo waan itti ta’eef, garii ammoo ijoollee fi Maatiin isaaniiyyuu
akka dhaga’an waan hin feeneef kan qalbii cabanii, gochi hammeenyaa
irratti raawwate sun akka birzaazaa isaan weerersaa jiraatan baayyee
dha.

Kanneen godaannisa
kana waliin jiraataa jiran keessaa namoota sadii Kan Yeroo ammaa biyya
Afriikaa jiran dubbiseera baatii afur dura. Namoota kana kan geggeessee
biyyaa baase Tika wayyaanee Getachewu Asaffaan oogganamu. Kan dirqama
isaa fudhate ammoo Ijoollee Oromooti.Isaantu maallaqa fudhatee daangaa
ceesisee biyyaa baase. Yoo dubbattan maatii keessan hunda ajjeefna
jedhanii itti kakatan, Seenaan namooti kun sadan natti himan yoo
xiqqaate torban tokko guutuuf nyaata na lageera. Of najjobisiiseera. Kan
gatii dhugaa kaffale isaani, kan simatamee dhangaa nyaatu, kan galata
barbaadu, kan faarfamuu barbaadu nudha. Gootota FB.

Guyyaa gaarii!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.